Chaayinaan hariiroo daldala bunaarratti Itoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaaddi

Sadaasa  22/2016 (TOI) - Chaayinaan walitti dhufeenya daldala bunaa Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Paartii Kongireesii Biyyaalessaa Chaayinaa Du Jihaa’oo ibsan.

 Miseensonni koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa paartii kongireesii biyyoolessaa Chaayinaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI aadde Loomii Badhoo fi miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa biroon dhaabbata al-ergii  bunaa AMG Gaalaanitti argamu daawwataniiru.

Miseensonni paartichaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Doktar Adunyaa Dabalaa waliin marii taasisaniiru.

Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa Paartii Kongireesii Biyyoolessaa Chaayinaa Du Jihaa’oon daawwannaa kanaan akka jedhanitti;  Bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaa keessatti bal’inaan beekamtii akka qabu ibsaniiru.

 Invastaroota Chaayinaa damee buna qopheessuurratti bobba’uuf fedha qabaniif haalli mijaa’aan Itoophiyaa keessa jiraachuu hubachuus himaniiru.

Invastaroonni Chaayinaa Itoophiyaatti hojii invastimantii akka hojjetan kan deeggaran ta’uu fi buna Itoophiyaa  baay’inaafi qulqullinaan oomishanii gabaa addunyaaf bal’inaan akka dhiheessaan ni jajjabeeffama jedhaniiru.

Itoophiyaan buna galtee itti dabaluun qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuu yoo dandeesse carraan gabaa Chaayinaa keessa bal'inaan akka jiru himaniiru. 

Chaayinaatti dargaggoonni aadaa shaayee dhuguu xiqqeessuun bal'inaan buna fayyadama jiraachuu himaniiru.

Dhaabbileen Chaayinaa kana hubachuun buna  Itoophiyaa baay'inaan gabaa Chaayinaaf dhiheessuun walitti dhufeenya daldalaa jiru caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru.

Kana cimsuuf jecha abbaa taayitaa bunaa fi shaayii Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

 Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa;  Biyyoota Itoophiyaan buna qulqullinaa fi baay’inaan dhamdhama  addaa qabu itti oomishtu keessaa Chaayinaan tokko ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015