Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa  jijjiirama haala qilleensaaf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galte

Sadaasa 21/2016 (TOI)- Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa  jijjiirama haala qilleensaaf yaalii taasifamuuf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galteetti.

Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii sheeh Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan yaa’ii koop28 wayita banan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti qolachuu fi rakkinicha furuuf biyyisaanii yaalii taasifamu deeggaruuf doolaara biiliyoona 30 akka gumaachitu waadaa galaniiru.

 

Maallaqni kun yaalii dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuu fi to’achuuf taasifamu keessatti hanqina faayinaansii mudatuuf oolchuu fi cimsuuf akka oolu dubbataniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid damee anniisaa qulqulluurratti invast gochuu fi cehumsa anniisaa qulqulluu taasisuuf dhiheessiin faayinaansii gahaa gufuu ta’uu ibsaniiru.

Koop28 furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf biyyoonni akka tumsan, akka mari’atanii fi murtiilee akka dabarsan yaaduun kan qophaa’edha jedhaniiru.

Dhiibbaalee jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf biyyisaanii hojii hedduu hojjechuushee eeranii, keessumaa baay’ina gadhiisii kaarboonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030tti harka 40 hir’isuu fi bara 2050tti ammoo zeerootti gadi buusuun waliigaltee irra gahame milkeessuuf  damee anniisaa qulqulluurratti invast gochaa akka jirtu ibsaniiru.

Yaa’iin waggaa haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa kan jiru yemmuu ta’u, hooggantoonni biyyootaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa dhiibbaa geessisu qolachuuf fandii irraa eegamu ramaduuf waadaa nigalu jedhameetu eegamaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015