Naannoo Affaaritti bor irraa eegalee filannoon namoota ajandaa marii biyyaaleessaaf walitti qabanii ni geggeeffama

Sadaasa 21/2016 (TOI) -  Naannoo Affaaritti bor irraa eegalee filannoon namoota ajandaa marii biyyaaleessaaf walitti qabanii ni geggeeffamu ta'u komishinarri Komishiinii maree biyyaalessaa doktar Ayroot Mahaammad beeksisan.

Komishiinarittiin guyyaa har'aa ibsa magaalaa Samalaatti miidiyaaf kennaniin naannichatti filannoon namoota kutaalee hawaasa gara garaa irraa  walitti dhufanii kan ajandaa maree biyyaalessaaf walitti qabanii sadaasa 22/2016 irraa eegalee ni taasifama jedhaniiru.

Filannoon kun kan geggeeffamu qaamolee deeggartoota komishiinichi leenjii kenneefii fi hirmaatoota aanaalee adda addaarraa filate 4320 keessaa ta'uu ibsaniiru.

Kana keessaas hawaasa aanaalee naannichaa 48 kan bakka bu'aan 864 kan filaman ta'uu ibsaniiru.

Filannoo kanarratti dubartoonni, dargaggoonnii, hawaasni daldalaa, hoggantoonni gosaa, jaarsoliin biyyaa, horsiise bultoonni, hojjetoonni mootummaa, buqqaatoonni fi barsiisoonni ni hirmaatu jedhaniiru.

Komishiinichi filannichi hirmaachisaa, iftoomina fi amanamummaa kan qabu bu'uura akka godhatu deeggarsa ni taasisa jedhaniiru.

Hawaasni filannoon bakka buutota hawaasa marii biyyaalessaaf ajandaa adda baasanii kun akka milkaa'uuf si'oominaan akka himaatuu fi milkaa'ina maree biyyaalessaa kanaaf gahee isaanii akka qaban gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015