Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf hojjetamaa akkajiru ibsame

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf humna guutuun hojjetamaa akka jiru biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa ibsan.

Naannoo Oromiyaatti amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 ol jallisii bonaatiin qamadiin facaafamuunsaa ibsameera.

Biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa obbo Mahaammad Muummee TOI’f akka ibsanitti, barana akka naannootti lafa heektaara miiliyoona 2 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Misoomni qamadii jallisii bonaa godinoota naannichaa 21 fi magaalaawwan 23tti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 ol qotamee heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 irra sanyiin faca’uusaa dubbataniiru.

Qamadii jallisii bonaatiin oomishamurraa waliigala kuntaala miiliyoona 100 ol argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Godina Shawaa bahaatti lafa heektaara kuma 350 irra qamadiin faca’ee kuntaala miiliyoona 14 ruqaa 4 argachuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaa ittigaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Abinnat Zagayyee ibsuusaanii jidduu darbe gabaasuun keenya niyaadatama.

Amma ammatti lafti heektaara kuma 121 qophaa’ee heektaarri kuma 71 facaafamaa jira jedhan.

Misooma qamadii jallisii bonaaf sanyii filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 350 dhihaachuusaa obbo Abinnat ibsanii ture.

Sadarkaa biyyaatti naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiya Kibbaa, Itiyoophiyaa jiddugaleessaa, Itiyoophiyaa kibba Lixaa,Affaar, Gaambeellaa, Somaalee fi Beeniishaangul Gumuzitti sochiin taasifamaa akka jiru odeeffannoon ministeera qonnaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015