Oomishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa akka dabalu Chaayinaa deeggarsa taasiftu ittifufti

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Oomishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa akka dabalu Chaayinaa deeggarsa taasiftu cimsitee akka ittifuftu walittiqabaan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa fi baadiyyaa paartii kongirasii biyyaalessaa Chaayinaa dubbatan.

Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo misensota koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa fi baadiyyaa paartii kongirasii Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Tumsi tarsiimawaa biyyoota lamaanii yeroo yerootti gabbachaa akka dhufe marii kanarratti ibsameera.

Chaayinaan deeggarsa bu’ura misoomaa, qonna, barnootaa fi fayyaa dabalatee gama hundaan Itiyoophiyaaf taasiftu cimee ittifufuun ibsameera.

Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa loomii Badhoo wayita kana akka jedhanitti, deeggarsa Chaayinaan waltajjii addunyaarratti Itiyoophiyaaf taasiftu dinqisiifataniiru.

Chaayinaan misooma ijoo Itiyoophiyaaf tumsa gootu tumsa misoomaa  tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti akka guddisu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf misooma magariisaarraa kaasee hojiilee addaddaa hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Chaayinaan Meekaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuu, qonna ammayyeessuu fi wabii nyaataa gama mirkaneessuutiin muuxannooshee Itiyoophiyaaf  akka qooddu gaafataniiru.

Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii fi paarlaamaa biyyoota lamaan jidduutti caalaa akka cimu muuxannoo qooddachuuf waltajjiin mijachuu akka qabu itti aantuu af-yaa’ii himaniiru.

Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa fi baadiyyaa paartii kongirasii biyyaalessaa Chaayinaa Duu Jihaa’oo gamasaaniin, tarkaanfiiwwan biyyisaanii qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf fudhatte ibsaniiru.

Chaayinaan kilaastaraan qotuun meekaanaayizeeshiniitti fayyadamuun qulqullinaa fi baay’inaan oomishaa jirti jedhan.

Waggaa dhihootii asitti Itiyoophiyaan dinagdee qonnaa guddisuuf hojiin itti jirtu kan dinqisiifamu ta’uu kaasaniiru.

Keessumaa hirmaannaan qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoorratti taasisaa jirtu kanneen biroof fakkeenya guddaa ta’a jedhan.

Chaayinaan qonnaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa teeknooloojii addaddaa kan taasiftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hariiroo parlaamaa biyyoota lamaanii guddisuun tumsa misoomaa akka cimsan miseensonni paarlaamaa Itiyoophiyaa Chaayinaa dhaqanii damee qonnaa akka daawwatan carraan nimijeeffama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015