Mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisan iddoowwan addaddaatti taasifamaniiru

Sadaasa 21/2016 (TOI)Kurmaana waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisanii fi hayyoonni hedduun itti hirmaatan biyyattii iddoowwan addaddaatti taasifamuusaanii ministeerri nageenyaa beeksise.

Ministeerichi rawwii kurmaana waggaa bara 2016  koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiheesseera.

Ministeera nageenyaatti hojii raawwachiisaan dhimmoota tarsiimoo obbo Addunyaa Baqqalaa gabaasa wayita dhiheessanitti akka jedhanitti, ministeerichi hojiiwwan addaddaa nageenya waaraa buusuuf dandeessisan hojjechaa jira.

Keessumaa dhimmoota ijoo torbrratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Kanneen keesa qaqqabiinsa odeeffannoo bal’isuu, duudhaalee nageenyaa gabbisuu, dhimmoota nageenya biyyaarratti  qorannoo taassuu, mariiwwan nageenya waaraaffurmaata  agarsiisan adeemsisuun kanneen ijooti.

Haala Kanaan kurmaata waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuu dandeessisanii fi furmaata agarsiisan biyyattii iddoowwan addaddaatti adeemsifamaniiru.

Hayyoonnii fi qooda fudhattoonni 389 damee kanarratti qorannoo addaddaa taasisan waltajjiiwwan kanneenirratti hirmaatanii akka ture kaasaniiru.

Kana malees dhimmoota duudhaa nageenyaa ta’an keessaa tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa irrattis kurmaana waggaatti tola ooltota kuma 3 ol marsaa lamaan leenjisuun nannawoota biyyattii addaddaatti bobbaafamuusaanii dabalanii himaniiru.

Hojiilee teeknooloojiitti fayyadamuun walitti bu’iinsa dursanii ittisyuuf hojjetamaniin odeeffannoowwan 32 qaqqabanii deebiin ittikennamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015