Muuxannoowwan leenjiirraa argaman hojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuuf ta’uu qaba-obbo Adam Faaraah

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Muuxannoowwan leenjiirraa argaman hojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuuf ta’uu akka qabu itti aanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee obbo Adam Faaraah dubbatan.

Obbo Adam Faaraah leenjii qaamolee hoogansa mootummaa godina Iluu Abbaabooritti leenjii marsaa 4ffaa irratti hirmaachaa jiran waliin mari’ataniiru.

Kanumaan walqabatee hojiilee misoomaa godinicha iddoowwan addaddaatti misoomaa jiran daawwachuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame numul’isa.

Fuulduras leenjiiwwan akkasii akka itti fufan ibsanii, muuxannoowwan leenjii Kanaan dura kennamanirraa argamanhojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuufii qabu akka ta’e obbo Adam dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015