Miidhaa koorniyaa dubartootarra gahuu ittisuuf sagantaan sosochii biyyaalessaa jalqabame

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Miidhaa koorniyaa dubartootarra gahuu ittisuuf sagantaan sosochii biyyaalessaa jalqabame.

Sagantaan kun magaalaa Adaamaatti kan jalqabame yoo ta'uu saganticharratti Pireezidaantiin FDRI Saahlewariq Zawudee argamaniiru.

Duulli sosochii guyyoota farra miidhaa koorniyaa Idil-addunyaa bara kanaa sadarkaa biyyaatti yeroo 18ffaaf mata duree " Yoomiyyuu, eessattiyyuu, haala kam keessattiyyuu waa'ee miidhaa koorniyaa hin callisu'' jedhuun kabajama.

Sosochiin guyyoota 16 farra miidhaa kooriniyaa ykn guyyaan riivaanii adii sadarkaa addunyaatti yeroo 32ffaaf mata duree "Activism to End Violence against Women and Girls" jedhun sagantaa adda addaan kabajamaa jira.

Pireezidaanti Saahleewariq Zawudee , Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee, hoggantoonni damee dhimma dubartootaa fi daa’immanii fi qooda fudhattoonni naannolee fi bulchiinsa magaalotaa saganticha irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015