Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli biifamaa jira

Sadaasa 21 / 2016(TOI) - Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli farra bookee busaa biifamaa akka jiru inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa naannichaa beeksise.

Baatii Adoolessaa 2016 irraa kaasee qorannoo dhaabbilee fayyaa naannichaatti taasifameen namoonni miiliyoona walakkaa ol busaan qabamanii yaala argachuunsaanii eerameera.

Inistiitiyuutichatti qindeessaan sagantaa busaa dhabamsiisuu obbo Daamxoo Laankir TOI’f akka ibsanitti, namooni busaan qabaman keessaa harki 75 godinoota  jiddugaleessaa, lixaa fi Gondor kaabaa akkasumas aanaalee 30 Bahaardaarii fi naannawasheetti argamanittidha.

Dhibee kana ittisuu fi to’achuuf aanaalee 43 keessatti hubannoo uumuun cinaatti keemikaala farra bookee busaa biifuuf karoorfamee gandoota 190 aanaalee 27 keessatti argamanitti raawwatamuu ibsaniiru.

Iddoowwan bookeen busaa itti horanitti keemikaalli liitiroo kuma 3 fi 675 ol biifamuu himan.

Hawaasni agoobara fayyadamuun,iddoowwan bookeen busaa itti horan qulqulleessuun fi dhukkubni wayita itti dhagahamu dafee gara dhaabbilee fayyaa akka dhaqu dhaamaniiru.

Bahaardaaritti jiraataan kutaa magaalaa ganda Zanzalimmaa obbo Ayyaaloo Mokonnin torbee darbe dhukkubsatanii dhaabbata fayyaa dhaquun qoratamanii busaa ta’uunsaa baramee yaalamuun fayyuusaanii dubbataniiru.

Dhibee busaa ittisuuf iddoowwan bishaan kuusan namoota biroo waliin ta’uun qulqulleessaa akka jiran dubbataniiru.

Jiraattuun ganda kanaa kan biraan adde Iteenash  Fantaawu gamasaaniin torbee dura mucaan jalaa dhukkubsatee mana yaalaa geessanii busaan qabamuun isaa itti himamuu dubbataniiru.

Qoricha ajajameef sirnaan akka fudhatu hordofanii barumsatti deebi’uusaa eeranii, achii booda agoobara sirnaan fayyadamaa fayyadamaa akka jiran himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015