Naannichaatti haalli nageenyaa uumamee jiru damee turizimii si'oomsuuf haala mijata uumeera. - ENA Afaan Oromoo
Naannichaatti haalli nageenyaa uumamee jiru damee turizimii si'oomsuuf haala mijata uumeera.

Sadaasa 21/2016(TOI) - Naannoo Tigiraayitti haalli nageenyaa uumamee jiru damee turizimii si'oomsuuf haala mijata uumeera jedhame.
Bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraayitti waajjira aadaa fi turizimii magaalaa Aksuumitti qindeessaan daawwatoota biyya keessaa obbo Kinduu Taxamqee TOItti akka himanitti; haalli nageenyaa uumamuu isaan walitti dhufeenyi jiru akka cimu ta'aa jira jedhaniiru.
Naannichatti haala nageenyaa umameen namoonni naannolee adda addaa fi biyyoota adda addaarra dhufanii ayyaanoota kabajuu qofaa osoo hin taane bakkeewwan seena qabeenyii fi aadaa daawwachaa jiru jedhaniiru.
Hambaaleen naannawwaa Aksuumii fi naannaawwa ishee jiran daawwannaaf banaa waan ta'aniif daawwatama jiraachuu himaniiru.
Daawwatoota biyya keessaa keessaa tokko kan taate dargaggoo Meeroon Asiraat yaada kenniteen '' Nageenyi waan jiruuf ayyaana waggaa Maaramii Tsihoon kabajaa jirra'' jetteetti
Naannichaatti nagaan waan uumameef hamabaalee seena qabeenyii naannoo Aksuumii jiranii daawwachuu fi ayyaadama kabajuuf gara kana dhufeera kan jedhe immoo dargaggoo Tinsaa'ee Alamuuti.
Hamabaalee naannawwichaa daawwachuu fi ayyaanicharratti hirmachuun namoonni naannolee Itoophiyaa adda addaarra bakka kanatti argamuu isaaniitti baay'ee gammaduus himeera.
Ayyaanni waggaa Maaramii Tsihoon har'a magaalaa Aksumitti bifa o'aan kabajamee ooleera.