Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan qorattoota sadii badhaase

221

Sadaasa 21/2016 (Toi) - Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan yeroo 21ffaaf qorattoota sadiif badhaasa Toree Godaal kenneera.

Badhaasni Toree Godaal sagantaa badhaasaa damee fayyaatiin agarsiiftuu dhiibbaa idil addunyaa doktr Godaal ta’ee kan tajaajilu ta’uun himameera.

Doktar Toree Godaal waggaa 50 darbe daarektara lammaffaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan ta’uun wayita tajaajilanitti dargaggoonni qorattoonni Itiyoophiyaa rakkoo  isaan mudatu furuuf fi onnachiisuuf kan jalqaban badhaasa maallaqaa ta’uun ibsameera.

Saganticharratti kan argaman de’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee kalaqa guddisuu rakkoolee wal xaxaa ilaalcha haaraan sakatta’uu fi furaatota haaraa fiduuf daandiiwwan misooma egeree fidan argachuuf nigargaara jedhaniiru.

Badhaafni Toree Godaal dargaggoota qorattoota qorannoo caaluuf kakaasuu fi gumaachi qabxii tokkoon tokkoosaanii kanneen biroof karaa kan banu waan ta’eef jajjabaachuu fi muuxannoo kanneen biroof qooduu qabu jechuusaanii odeeffannoon ministeera fayya ni’eera.

“Duudhaa fi qajeelfamni doktar Godal onnachiiftuu nuuf ta’uun bara tajaajila keenyaa hunda itti fayyadamna” kan jedhan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuudha.

Badhaasichi barsiisaa inistiitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsiitii jimmaa doktar Yaadannoo Yaazaachoo Taayyee, ogeessa olaanaa laaboraatoorii Yuunivarsiitii Arsii doktar Shimallis Tashoomee Ayyaalneh fi gargaartuu barsiiftuu Yuunivarsiitii Finfinnee adde Saaroon Fiqaaduuf kennameera.

Bakka bu’oonni embaasii Noorweey fi Swiidiin, hooggantoonni olaanoo ministeera fayyaa, inistiitiyuutiin qorannoo Armaweer Hansan, hoogansii fi hojjettoonni hoospitaala komrihensiiv Alart, barattoonni waldhaansaa fi keessummoonni waamaman sagantaa badhaasaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015