Komishiniin gamtaa Awurooppaa gaafa Afriikaaf deeggarsa yeroo ariifachiisaa dabalataa Yuuroo miiliyoona 3 tuqaa 5 taasise

Sadaasa 20/2016(TOI)- Komishiniin gamtaa Awurooppaa balaa lolaa gaafa Afriikaatti mudateef deeggarsa yeroo ariifachiisaa dabalataa Yuuroo miiliyoona 3 tuqaa 5 taasisuusaa beeksiseera.

Komishinichi deeggarsa kana kan taasisu lammiiwwan balaawwan lolaa Somaaliyaa, Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti mudataniin  miidhamaniif eegumsa siviilii Awurppooaa fi hojiiwwan deeggarsa namoomaa (ECHO) ibsa kaleessa baaseen beeksiseera.

Komishinichi ibsasaatiin, balaa lolaa yeroo ammaa Somaaliyaa lammiilee naannawa sulula laga Gubaatti argamaniif deeggarsa dabalataa Yuuroo miiliyoona 2akka taasisu beeksiseera.

Deeggarsi maallaqaa kun namoota sababa lolaan miidhamanii fi buqqa’aniif deeggarsa namoomaa Kanaan dura taasifame yuuroo miiliyoona 5 tuqaa 5 alatti dabalataan kan kennamedha jedheera ibsi kun.

Komishinichi Itiyoophiyaatti iddoowwan addaddaa miidhamaniif deeggarsa dabalataa Yuuroo miiliyoona 1 akka taasisu ibsee, deeggarsichi  iddoowwan lolaan miidhamaniif dahannoo hojjechuu, meeshaalee addaddaa qooduuf, galaltuu bishaanii fi tajaajila waldhaansaaf akka oolu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015