Qulqullina barnootaa markaneesuuf qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaanna isaanii cimsuu qabu

Sadaasa 20 /2016 (TOI) - Godina Wallagga Lixaatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru galmaan gahuun qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafatame.

Godinichatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti magaalaa Gimbiitti mariyatameera.

Walatjjii marii kanarratti kan argaman bulchaan godinichaa obbo Salamoon Taammiruu,; mootummaan rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiiwwaan rifoormii adda addaa hojjechaa jira jedhaniiru.

Godinichas hojii gama kanaan hojjetamaa jiran galmaan gahuuf hirmaannaa qooda fudhatoota akka barbaachisu himaniiru.

Keessaayyuu rakkoo qulqullina barnootarratti mudatee jiru furuuf barsiisoonnii fi maatiin baratootaa karaa qindaa'een waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ittigaafataman Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Tsaggaayee Immaanaa gama isanaiin godinichatti qulqullina barnoota mirkaneessuuf manneen barnootaa jalqabarra haga olaanaantti qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa hirmaannaa mootummaa fi hawaasaan hojiin sadarkaa manneen barnoota idileen duraarra 182 fooyyeesuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bara daebee manneen barnootaa idileen dura 162 hirmaannaa uummataa fi bajata mootummaan ijaaramuu himaniiru.

Manneen barnootaatti hanqinoota hanqinoota kitaabolee fi meeshaalee tajaajila barnotaaf oolan jiran furuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himaniiru.

Gara fuula duraattis rakkoowwan damichi qabu furuuf qaamolee qooda fudhatoota waliin ta'uun qindoominaan kan hojjetamu ta'uu eeraniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015