Jiddugaleesichi sanyii midhaanii fi kuduraa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jira

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis sanyii filatamaa midhaanii fi kuduraa adda addaa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jiraachuu beeksise.

Jiddugaleesichaatti dursaan garee ekteenshinii qonnaa obbo Abdulaaziiz Xahaa TOItti akka himanitti; jiddugaleesichi oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, naannoo Hararii fi godina Harargee bahaatti hojii tekinolojii beeksisuu, madaksuu fi babal'isuu hojjechaa jira.

Haaluma kanaan yeroo ammaa naannoo Haritti sanyiiwwan filatamoo midhaanii, Kuduraa fi muduraa, nyaata beelladaa kanneen biroo haala qilleensaa fi taa'umsa lafaa naannichaaf mijatoo fi bu'a qabeessa ta'an babal'isaa jiraachuu himaniiru.

Jiddugaleesichaan madakfamanii kan yeroo ammaa ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'ifamaa jiran keessaa Saliixa, Timaantimii, Boqqoolloo fi sanyii filatama nyaata beelladaa adda addaa ta'uu eeraniiru.

Keessaayyu sanyiin Saliixaa jiddugala qorannoo qonnaa Baakkoon argamee jiddugala qorannoo qonnaa Fadisitti madakfamee babal'isfama jiru kan Haacaaluu jedhamu naannichaa aanaa Ereritti oomishamee lafa heekataara tokko irra hanga callaa kumataala 7 akka argamu mirkanaa'uu himaniiru.

Sanyiin filatamaa Booqqoolloo fi Timaantimii ''Malkaasaa araat fi malkaasaa Shoolaa'' jedhaman kan hanqina roobaa fi dhukkuba damdamachuun callaa gaarii kennaan babal'ifamaa jirachuus himaniiru.

Sanyiin filatamaa kun qonnaan bultoota birattis fudhatama gudda argachuu himaniiru.

Sanyiiwwan kunneen oomishaa fi oomishitummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu cinaatti qaala'insa gabaa tasgabbeesuu keessatti gahee olaanaa kan bahuu danda'anidha jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Hararii obbo Akiliiluu Shifarraawu gama isaani sanyiin jiddugaleesichii naannichatti ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'isaa jiru dhukkuba damdamachuun yeroo gabaabaa keessaatti kan gahaniif callaa gaariin kan irra argamu ta'uu qabatamaan argameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015