Naannichaatti lafa heekataara kuma 146 jallisii bonaan misoomsuuf qophiin taasifamaa jira

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Naannoo Jiddigala Itoophiyaatti bara kana waqtii bonaa jallisiin lafa heekataara kuma 146 ol misoomsuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Rippoortarri TOI naannichaatti keessaayyuu naannawwaa Halaabaa, Silxee fi kanneen birootti qophii misooma jallisii yeroo bonaaf taasifamaa jiru daawwateera.

Daawwannaa kanaan qonnaan bultoonni oomisha gahe walitti qabuun cinaatti misooma jallisii yeroo bonaaf qophii gochaa jiraachuu hubateera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Jiddugala Itoophiyaa obbo Ahimad Babiibuu; naannichaatti waqtii gannaa fi arfaasaa lafa heektaara kuma 491 irratti gosti midhaanii adda addaan oomishamuu himaniiru.

Kana keessaa lafa heektaara kuma 77 irratti oomishiniii oomishamee fi kan gahe walitti qabamuu himanii; kanarras callaan kumtaalli miliyoona 8.5 argamuu eeraniiru.

Kompaayinaroonnii 150 hojii oomisha gahe walitti qabuurratti dhimma itti bahamaa jiraachuus himaniiru.

Naannichaatti oomisha gahe walitti qabuun cinaatti; lafa heekataara kuma 146 jallisii bonaan misoomsuuf qophiin gahaan taasifamaa jirachuu himaniiru.

Qonaan bultoonni naannichaa TOI dubbisees oomisha gahe walitti qabuun cinaatti, misooma jallisii bonaaf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015