Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma egeree naannichaaf waliin hojjechuu qabna-Bulchaa bulchiinsaa Umood Ujuluu

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma egeree naannichaaf waliin hojjechuu qabna Jedhan Bulchaa bulchiinsa naannoo Gaambeellee Umood Ujuluu


Guyyaan saboota sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa  mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun sadarkaa naannootti aanaa addaa Itaangitti kabajameera.


Bulchaa bulchiinsa naannichaa kabaja ayyaanichaarratti haasawa taasisaniin, jijjiiramaa asitti ummanni naannichaa fayyadamaa nageenyaa fi misoomaa taasisuuf haalli mijataa uumamuusaa ibsaniiru.

Ayyaanichi duudhaalee sabdaneessummaa beeksisuu fi qabsiisuun alatti tokkummaa fi obbolummaa cimsuuf nigargaara jedhan.


Ilaalchota finxaalessummaa waloomaa fi kutannoon  qabsaa’uun akka barbaachisu himanii, yayyaanicha wayita kabajnu tokkummaa fi walooma ummattootaa cimsuuf guyyaa waadaa ittigallu dha jedhaniiru.


Qaala’iinsa jireenyaa dabalatee rakkooleen hawaasummaa fi dinagdee biroof furmaata kaa’uun milkaa’ina imala badhaadhinaa biyyattiin jalqabdeef hundi qoodasaa akka bahu ergaa dabarsaniiru.


Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Baanchaayyoo Dingataa gamasaaniin,ayyaanichi wagga waggaan addababayiitti kabajamuunsaa tokkummaa fi walooma ummattootaa nicimsa jedhaniiru.


Ayyaanichi kabajamuunsaa saboonni sablammoonnii fi ummattoonni heera mootummaa fi dhimmoota heera mootummaa ilaallatan ilaalchisuun hubannoo akka qabaatan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.


Ayyaanichi naannichatti guyyoota walitti aanan shaniif qophiilee addaddaatiin kabajamaa turee xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015