Guyyaan saboota, sablammootaa fi uummatoota Itoophiyaa tokkummaa sabdaneesummaa biyyaalessa, walqixummaa fi obbolummaa caalaatti kan guddisee mul'isedha

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Pirezidaantiin naannoo Affaar obbo Awal Arbaa guyyaan saboota, sablammootaa fi uummatoota Itoophiyaa tokkummaa sabdaneesummaa biyyaalessa, walqixummaa fi obbolummaa caalaatti kan guddisee mul'isedha jedhan.

Naannoo Affaaritti guyyaan saboota, sablammootaa fi uummataoota Itoophiyaa 18 sadarkaa naannootti magaalaa Samaraa loogaatti kabajameera.

Kabaja guyyichaarratti kan argaman pirezidaantiin naannichaa obbo Awal Arbaa kabajaan guyyichaa tokkummaa sabadaneesummaa Itoophiyaa cimsuun cinaatti, waliqittummaa obbolummarratti bu'uureffame guddisee mul'iseera jedhaniiru.

Jjjirama biyyatiitti uumameen booda sirni murtoota kennuu uummata Affaar ammate uumamuusaan uummatichi tokkummaa biyyaalessaa uumuu keessaatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.

Af- yaa'iin mana maree naannichaa Asiyaa Kamaal gama isaniin guyyichi tokkummaa cimsuun cinaatti sabdaneesummaan guddatee akkasuma miidhagee kan irratti argamudha jedhaniiru.

Guyyichi guyya har'a bifa sabdaeesummaa mul'isuun naannichaatti kabajmuu himaniiru.

Naannichatti kanaan dura sadarkaa aanaa fi dhaabbilee adda addaattis sagantaan kun kabajamaa turuu himaniiru.

Kabaja guyyaa kanaarratti hoggantoonni mootummaa olaanoon dabalatee hawaasni hirmaateera.

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Share

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015