Adeemsa badaa lammileetti dhaamaatii cimaa uumaa jiraniif furmaanni waaraan kennamuu qaba

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Sababa rakkoo kennisa tajaajila dhaabbileerraa kan ka'ee adeemsa badaa lammileetti dhaamaatii cimaa uumaa jiraniif furmaanni waaraan kennamuu akka qabu mana maree bakka bu'oota uummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota Dimokiraasii hubachiise.

Korichi raawwii hojii kurmaana jalqabaa fi karoora hojii bara 2016 Komishinii naamusaa fi farra malaan maltummaa Federaalaa gamaggameera.

Komishiinarri komishiinii Naamusaa fi farra maanmaltummaa Federaalaa doktar Saamu'eel Urqatoo gabaasa isaaniin malaan maltummaa ittisuuf haala biyyaa, qaxaa fi idil addunyaa ilaacha keessa galchuun hojjetama jira jedhaniiru.

Itoophiyaatti yaaddoo biyyaalessaa kan ta'e yakka malaanmaltummaa yeroo gabaabaa, jiddugaleessaa fi dheeraa keessaatti ittisuufi to'achuuf hojiiwwaan dandeesisaan hedduun hojjetama jiru jedhaniiru.

Kanaafis dhaabbilee Federaala, naannolee fi bulchiinsa magaaloota waliin qindoominaan hojiin hojjetama jiraachuu himaniiru.

Kurmaana jalqabaa kanatti hojii maanmaltummaa ittisuu ariifachiisaa eeruu 92'n Birrii miliyoona 812, doolaara kuma 8 ol fi lafa kaaree meetira miliyoona 1.9 magaalaa fi baadiyyaatti hannarra baraaruun danda'ameera jedhaniiru.

Koreen dhaabbii dhimmoota dimokiraasiis gabaasicharratti ciminoonni jiran caalaatti cimanii akka itti fufanii fi hanqinoon jiran immoo ariitiin akka furaman hubachiiseera.

Itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbichaa obbo Asmaraawu Andamoo ijaarsa sirna dimokraasii keessaatti gahee kan qaban dhaabbilee haqaa waliin qindoominaan hojjechuun hojii malaanmaltummaa ittisuu cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015