Itiyoophiyaan ‘Brics’ tti kan makamte biyyoota addunyaa waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan ‘Brics’ tti kan makamte biyyoota addunyaa waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf akka ta’e de’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ibsan.

Inistiitiyuutiin dhimma alaa abbaa taayitaa dhaabbilee hawaasa siviikii waliin ta’uun faayidaa Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee qabu irratti bakka bu’oota dhaabbilee siviikii addaddaa waliin Finfinneetti mari’achaa jiru.

Waltajjicharratti kan argaman de’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti kan makamte faayidaa biyyaalessaa jiddugaleessa godhachuun akka ta’e ibsaniiru.

Miseensa ‘BRICS’ ta’uun gama daldalaa, Invastimantii,faayinaansii misoomaa maddisiiuu  fi walooma gabbisuuf akka gargaaru kaasaniiru.

‘BRICS’ jiddugaleessa ilaalcha hundaa fi kan biyyoonni addunyaa dinagdee guddaa qaban ofitti qabate ta’uus himaniiru.

Itiyoophiyaan waltajjii addunyaarratti sagaleeshee dhageessisuuf carraa dabalataa kan kennuuf waan ta’eef milkaa’ina dippilomaasii isa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan ‘BRICS’ tti kan makamte ayidooloojii kamiyyuu tumsuun osoo hinta;iin biyyoota addunyaa hunda waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf ta’uus ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa abbaan taayitaa dhaabbata hawaasa Siviikii Faasikaawu Mollaa,dhaabbileen hawaasa Siviikii dhimma alaa dabalatee dhimmoota garagaraarratti biyyaaf gumaacha taasisaa akka jiran eeraniiru.

Dhimma miseensummaa ‘BRICS’ irratti hubannoon uumamuunsaa waldaaleen qoodasaanii akka bahatan kan dandeessisudha jedhan.

Gaaffiin Itiyoophiyaan ‘BRICS’ tti makamuuf gaafatte fudhatama kan argate yaa’ii biyyoota miseensa ‘BRICS’ 15ffaa  baatii Hagayyaa 2015 Afriikaa Kibbaatti adeemsifamerratti ta’uun nibeekama.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni garee kanatti makaman bara faranjootaa haaraa dhufuu kaasee miseensa guutuu ta’uusaanii nimirkaneeffatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015