Manni marichaa wixinee waliigaltee hundeeffama Ejensii Qorichoota Afrikaa dhihaateef raggaase

Sadaasa 20/2016(TOI) - Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 6ffaa bara hojii 3ffaa yaa'ii idilee 7ffaa geggeessaa jiruun yaada murtoo fi gabaasaa koreen dhaabbii dhimma Fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi Ispoortiin wixinee waliigaltee hundeeffama Ejensii Qorichoota Afrikaa ilaalchisee dhiheesseef raggasiseera.

Walitti qabduun koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi Ispoortii aadde Warqasimuu Maammoo gabaasaa fi murtoo korichaa mana marichaaf dhiheessan akka himanitti, biyyoonni miseentoonni Gamtaa Afrikaa qorichaa qulqullinni, fayyummaa fi bu'a qabeesummaan isaa mirkanaa'ee uummata Afrikaaf dhiheessuun barbaachisaa ta'uu amanuun Ejensii Qorichoota Afrikaa kan hundeessaan ta'uu himaniiru.

Kanuma hordofuun Itoophiyaanis waliigalticha fudhattee raggasisuun barbaachisaa ta'ee argameera jedhaniiru.

Ejensichi hundaa'uu fi waliigalticha mallateessuun Afrikaatti hojjetama kan jiru adeemsa sirna to'annaa qorichaa qindeesuuun, miseensoonni gamtichaa ardichatti kan argaman hawaasa dinagdee akkasuma dhaabbilee fayyaa cimsuuf ni gargaara jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015