Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi ittifayyadama haqaqabeessa mirkaneessuuf kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dursaan kennamuufii qaba- ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaa

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi ittifayyadama haqaqabeessa mirkaneessuuf kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dursaan kennamuufii akka qabu de’eetaan ministiraa  dubartootaa fi dhimma hawaasummaa ibsan.

Kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif ittifayyadama haqa qabeessa mirkaneessuuf furmaata teeknooloojii fayyadamuun haala danda’amurratti ogeessota waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajila odeeffannoo fi  nageenya neetwoorkii waliin mari’ataniiru.

Marii kanaanis kutaaleen hawaasaa saaxilamaa ta’an saala, lakkoofsa,umurii fi keessumaa ulaagaalee addaddaatiin akka biyyaatti ragaan sirrii jiraachuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.

Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa furmaata tokko ta’uu himaniiru.

Kanaaf dhimmichi yaaddessaa ta’uusaarraa ka’ee kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif dursa kennuun nibarbaachisa jechuusaanii odeeffannoon ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaarraa argame nimul’isa.

Ragaa lakkoofsaa sirriirratti hundaa’uun murtee kennuuf, fayyadama haqa qabeessa mirkaneessuuf, irra deddeebii dhabamsiisuu fi tarkaanfii furmaataa hatattamaan fudhachuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa qooda olaanaa akka qabu marii Kanaan kaafameera.

Kana tilmaama keessa galchuun odeeffannoo biyyaa  sirrii fi nageenyisaa eegame akka jiraatu hojjechuun akka barbaachisu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015