Manni maree bakka bu'oota uummataa 6ffaa bara hojii 3ffaan yaa'ii idilee isaa 7ffaa geggeessaa jira.

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Manni maree bakka bu'oota uummataa 6ffaa bara hojii 3ffaan yaa'ii idilee isaa 7ffaa geggeessaa jira.

Manni marichaa yaa'ii isaa har'a geggeessaa jiruun Yaa'ii bulchiinsa abbootii seeraarra mana marichaaf kan dhihaate dhimma abbaa seeraa Geetaanee Simaachoo Afawariq hojiirraa geggeessuu ilaalchisuun marii bal'aa taasiseera.

Manni marichaa marii kanaan boodas mormii 3 fi sagalee caalmaan murtee lakkoofsa 1/2016'n bal'inaan akka ilaalamu gara koree dhaabbii dhimma seeraa fi haqaatti dabarfamuu ragaan miidiyaa hawaasummaa Mana Marichaarra argame ni mul'isa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015