Itiyoophiyaan yaa’ii waggaa waliigalaa dhaabbata poolisii idil addunyaa 19ffaa irratti hirmaachaa jirti

Sadaasa 20/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii waggaa waliigalaa dhaabbata poolisii idil addunyaa (INTERPOL) 19ffaa fi kabaja ayyaana waggaa 100ffaa dhaabbatichaa Ostiriyaa Viyeenaatti taa’amaa jiru irratti hirmaachaa jirti.

Ittigaafatamaan qajeelcha Intarpoolii biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi tumsa poolisii idil addunyaa gargaaraa komishinaraa Dajanee Baqqalaa ibsa kennaniin, jilli komishinar jeneraalaa poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eliin durfame yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa fi ayyaana hundeeffamaa Sadaasa 17-21 bara 2016tti taa’amurratti hirmaachaa akka jiru ibsaniiru.

Ajajoonni poolisii biyyoota miseensa dhaabbatichaa, ministiroonni poolisiin itti waamamaa ta’ee fi dhaabbileen idil addunyaa addaddaa poolisii waliin hojjetan yaa’icharratti hirmaachaa akka jiran ibsameera.

Jilli kun hojii ittisa yakkaa fi qorannoo poolisiin Ostiriyaa hojjet akkasumas haala shakkamaan ittiqabamuu fi hidhannoowan poolisiin itti fayyadamu, uffannaa fi konkolaattotaa ibsi akka kenname ibsa Kanaan eerameera.

Komishinar jeneraal Dammallash Gabramikaa’el akkaataa hojmaata poolisii Itityyphiyaa, hojii riifoormii taasifamaa jiru, meeshaalee teeknooloojii dhaabbatichi itti fayyadamaa jiruu fi muuxannoo hojmaataa akka qoodan ibsameera.

Jilli kun Yaa’ichaan cinaatti biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa addaddaa waliin marii fi muuxannoo walii qooduu akka taasifame ibsichi mul’iseera.

Itiyoophiyaan hariiroo poolisii biyyoota miseensa dhaabbaticha waliin qabdu cimsuu fi tumsaan hojjechuuf akkasumas yakka daangaa cehu waliin ittisuuf mari’achuusaa odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015