Hooggansi ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuuf bu’aa caalaa fiduuf hojjechuu qaba-obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Hooggansi ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuuf bu’aa caalaa fiduuf hojjechuu qaba-obbo Adam Faaraah

Sadaasa 19/2016 (TOI)- Hooggansi ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuuf bu’aa caalaa fiduuf hojjechuu akka qabu pirezidaantiin itti aanaa paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee obbo Adam Faaraah ibsan.
Obbo Adam Faaraah jiddugaleessa leenjii Gondaritti argamuun adeemsa leenjichaa ilaalaniiru.
Leenifamtoonni galtee leenjicharraa argatan hojeessuun haala ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuun hojiilee nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti bu’aa caalaa fiduuf akka hojjetan hubachiisaniiru.
Akkasumas imala badhaadhina hundagaleessa fiduuf taasifamu si’achiisuuf mul’ata biyyaa hubachuun hojiirra oolmaasaatiif tumsuun nibarbaachisa jechuun ergaa dabarsaniiru.
Leenjichi dandeettii hooggansaa sadarkaa olaanaatti kan gabbisuu fi mootummaa kan cimsu ta’uu ibsanii, fayyadama hundagaleessaa ummataa kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Obbo Adam leenjifamtoota waliin mari’achuun yaada leenifamtoonni kaasanirratti ibsa kennaniiru.
Hooggantoonni federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa waltajjii kanarratti argamuusaanii biiroon komunikeeshinii Amaaraa beeksiseera.