Tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa taasifaman qaala’insa gatii hir’isuuf bu’aa argamsiisaa jiru

Sadaasa 19/2016 (TOI) - Tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa taasifaman qaala’insa gatii hir’isuuf bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiran baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse.

Bulchaan baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu gabaasa raawwii kurmaana waggaa bara 2016 mana maree bakka bu’oota ummataatti koree dhaabbataa pilaanii bajataa fi faayinaansiif dhiheessaniiru.

Rakkooleen uumamaa fi namtolcheen jijjiiramaa dhufan dinagdee addunyaa qorrisiisuu akkasumas kunis dinagdee Itiyoophiyaarratti dhiibbaa geessisuusaa kaasaniiru.

Gama biraatiin liqii fi deeggarsi biyyoonni guddatan biyyoota guddachaa jiraniif kennan hir’achuu eeranii, kun ammoo Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu qaala’iinsi gatii akka isaan mudatu godheera.

Haata’u malee qaala’iinsa gatii hir’isuuf baankiin biyyaalessaa tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa addaddaa fudhachaa akka jiruu fi kun ammoo baankichi qaala’iinsa gatii xumura baatii Waxabajjii baranaatti harka 20 gadi buusuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Guddinni liqii biyya keessaa harka 14 irratt akka daangeffamu, ammi liqii hir’ina bajataaf mootummaan baankii biyyaalessaarraa fudhatu baay’ee hir’isuu fi baankotti hir’ina bajatasaanii ofiisaanii akka guutan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Haala Kanaan qaala’insi baatileef harka 30 ol ture baatii Fulbaanaa harka 27 tuqaa 7tti hir’achuu eeranii, kana caalaa gadi buusuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015