Koreen gorsaa manni maree bakka bu’oota ummataa labsiilee garagaraa raggaase - ENA Afaan Oromoo
Koreen gorsaa manni maree bakka bu’oota ummataa labsiilee garagaraa raggaase

Sadaasa 19/2016 (TOI)- Koreen gorsaa mana maree bakka bu’oota ummataa RDFI ya’ii idilee manna marichaa 7ffaa boru taa’uuf ajandaalee raggaasiseera.
Gaggeeffamuu abbaa murtii mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa ilaalchisee yaa’ii idilee mana marichaa 7ffaa boru taa’amurratti mana mareef ajandaa ta’ee akka dhihaatu koreen gorsaa sagalee guutuun murteesseera.
Kana malees yaa;ii idilee marsaa 6ffaa waggaa 3ffaa walgahii idilee 7ffaa boru taa’amu irratti labsiin fooyyessaa dhiheessii qorichaa Itiyoophiyaa fi dhaabbata pireesii Itiyoophiyaa ajandaa ta’ee akka dhihaatu odeeffannoon fuula marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.