Oomishaaleen qonnaa fi industirii   kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa jira

Sadaasa 18/2016 (TOI) – Ejaensiin hojii gamtaa Finfinnee walitti hidhamiinsa gabaa uumuun Oomishaaleen qonnaa fi industirii   kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa akka jiru ibse.

 Ejensichi dureeyyii industirii, fichisiiftotaa fi yuuniyeenota hojii gamtaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa fi dhiheessii oomishaarratti har’a marii taasiseera.

Itti aanaan daarektara olaanaa ejensichaa Fabtayyes Diroo wayita kana akka ibsanitti, oomishaaleen qonnaa fi Industirii kallattiin hawaasa qaqqaban hojjetamaa jira.

Kanaafis oomishtoonnii fi fichisiiftonni biyya keessaa kallattiin shamattootaa walitti dhufuun akka bitan walitti dhufeenya gabaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

 Kunis daldaltoota seeraan alaa oomishaalee qonnaarratti osoo homaa hindabaliin gatii qofa dabaluun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisan nidhaaba jedhaniiru.

Kana cinaattis seermaleeyyiin bu’aa argachuuf kanneen oomishaalee qonnaa fi industirii dhoksan akka gaafataman taasisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa bu’uraa 150 olii fi Yuuniyeenonni shamattootaa 11 magaalaa Finfinnee keessatti ni’argamu .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015