Manni marichaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiise.

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimma dhaabbilee misooma mootummaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa ariitiin hojjetamee  xumuramuun tajaajilaat akka hubachiise.

Korichi gabaasa raawwii hojii kurmaana jalqaba bara 2016 Korpereeshii Daandii Baaburaa Itoophiyaa gamaggameera. 

Waltajjii gamaggama kanarratti korporeeshinichi rakkoo baay'ee qabu furuun hojii qabatamaa fiduuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhiibbaa gatii hir'isuu fi galii keessaa fi humna faayinaansii cimsuun pirojeektoota jalqabaman  xumuruuf xiyyeeffannoon akka qabus hubachiiseera.

 Haaluma kanaan ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiisera.

Korporeeshinichi qaawwa bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa akkasumas meeshaalee tajaajila suphaa irratti mul’atu sirreessuuf bulchiinsa naannoo fi magaalaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu miseensonni koree dhaabbii kun akeekkachiisaniiru.

Akka itti aanaan hoji gaggeessaa olaanaa kutaa daldalaa fi misoomaa korporeeshinichaa Injinar Geetuu Geezaaw jedhanitti, korporeesinichi muuxannoo idil-addunyaa fi ardii irratti hundaa’uun Daandii Baaburaa lafarra biyyaalessaa cimaa ijaaruuf hojjechaa jira.

Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa argame akka mul’isutti waraanni kaaba biyya keenyaatti geggeeffame dhiibbaa guddaa uumuu himanii, qabeenya hatamee fi manca'ee deebisuun daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa xumuruun tajaajilaaf geesisuuf hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015