Biraaziilitti Embaasiin Itiyoophiyaa sagantaa Itiyoophiyaa beeksise raawwate

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Embaasiin Itiyoophiyaa Biraaziilitti argamu agarsiisa kitaabaa Biraaziiliyaa 37ffaarratti hirmaachuun seenaa, duudhaa fi aadaa biyyattii hirmaattotaaf beeksiseera.

Biraazilitti abbaan aangoo guutuu ambaasaaddar Xaafaa Tulluu, dippilomaatonnii fi maatiiwwan dippilomaatotaa, embaasiiwwan 26 ol ta’an, aanga’oonno olaanoo mootummaa Biraazilii fi barattoonni Yunivarsiitii sagantaa kanarratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaan seenaa, aadaa durii, hambaalee mul’atanii fi hinmul’anne kan qabdu ta’uun saganticharratti ibsa taasisuun Itiyoophiyaa ummata Biraaziliif  beeksisuun danda’ameera.

Itiyoophiyaan hambaalee 13 Yuuneeskootti kan galmeessifte ta’uu, daandiin qilleensaashee torbanitti guyyoota 7 Biraaziil Saa’oo Paawuloo fi Arjantiinaa Boonoo Ayiresitti balali’aa akka jiru, kun ammoo Afriikaa Ameerikaa Kibbaa waliin walitti fiduu fi tuuristootaaf haala mijataa akka uume saganticharratti beeksifamuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015