Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera- jiraattota

Sadaasa 18/2016 (TOI)- Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera jechuun jiraattonni naannawichaa komatan.

Bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa gamasaatiin ijaarsi dandichaa harkifachuusaa amanee rakkinichi rooba yeroo dheeraa fi daangaa kabachiisuun kan walqabate akka ta’e ibseera.

Ijaarsi daandii waggaa afur dura jalqabame kun harkifachuunsaa rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee addaddaaf isaan saaxiluusaa jiraattonni godina Ilii Abbaa Booraa aanaalee Diduu fi Noonnoo komataniiru..

Jiraattonni komii dhiheeffatan TOI’f akka ibsanitti, harkifachuun daandichaa haadholii da’anirratti dhiibbaa guddaa geessisuusaa ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Diduu Faqqadee Obsaa akka jedhanitti, daandichi sababa ijaarsaatiin caalaatti waan manca’eef kanneen waldhaansa olaanaaf Hoospitaala Mattuutti ergaman rakkoof akka isaan saaxile dubbataniiru.

Daandichi iaaramee rakkoosaanii akka furu abdatanis daandichi manca’uunsaa rakkoo olaanaaf akka isaan saaxile kaasaniiru.

Daandichi yeroon waan hixumuramneef konkolaachiftoonni Taarifa olaanaa akka isaan kafalchiisanii fi baasii olaanaaf akka saaxilaman kan dubbatan ammoo obbo Abaatee Daanyeeti.

Kana malees hawaasni oomishasaa gabaaf dhiheessee fayyadamaa ta’uuf yaalii taasisu gufuu ta’uusaa ibsaniiru.

Rakkoon kun hawaasa rakkoolee addaddaaf saaxiluurra darbee  rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa dhufuusaa kan dubbatan ammoo bulchaa aanaa Diduu obbo Mulugeetaa Abarraati.

Itti aanaa bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa obbo Geetaahuun Kaasaahuun gamasaaniin, daandiin kun yeroon ijaaramee  xumuramuu  dhabuunsaa jiraattota aanaalee Diduu fi Noonnoo rakkoo hawaasummaa fi dinagdeef saaxiluusaa ibsaniiru.

Hariiroo daldalaa fi hundagaleessa aanaalee ollaa naannoo kibba lixaa waliin taasifamu irrattis gufuu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti itti aanaa hojiigaggeessaan pirojektii ijaarsa daandii aspaaltii Goree Maashaa Teeppii obbo Zawuduu Minwuyyeellet, ijaarsi daandii kanaa harka 44 irra jira jedhaniiru.

Daandiin kiiloo meetira 140 dheeratu kun Oromiyaa fi naannoo Kibba lixa Itiyoophiyaa walquunnamsiisa jedhaniiru.

Roobni naannawichatti yeroo dheeraa roobu, rakkoon  daangaa kabachiisuu fi muddamni tiraafikaa jiraachuunsaa harkifannaa daandichaaf sababa akka ta’e ibsaniiru.

Kontiraaktaroonni humna guutuun hojjechuu dhabuunis rakkoo tokko akka ta’e himaniiru.

Ijaarsi daandii kanaa waggaa afur dura doolaara miiliyoona 138’n jalqabamuusaa obbo Zawuduun ibsaniiru.

Ijaarsi daandichaa harkifachuusaatiin kiiloo meetira 76 kan ta’u pirojektii Chaayinaa ‘CRCEG’f kan kenname yemmuu ta’u, ijaarsi waliigalaa waggoota sadan dhufu xumuruuf nihojjetama jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015