Manni maree Nageenyaa yaa’iisaa lammaffaa taa’aa jira

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Manni maree Nageenyaa biyyaalessaa yaa’iisaa lammaffaa taa’aa jira.

Ministira nageenyaa Binnaalf Andu’alam dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo biroo, abbootiin amantaa fi keessummoonni afeeraman waltajjicharratti argamaniiru.

De’eetaan ministira nageenyaa doktar Siyyum Masfin wayita kana akka jedhanitti, nageenyi dhimma ijoo bifa lama qabudha.

Gama tokkoon nageenyi isooma si’achiisuuf demokiraasii fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Gama biraatiin nageenyi ofdanda’ee galma kaa’uun kan hojjetamu hojii ofdanda’e ta’uu eeraniiru.

Ijaarsi nageenyaa bu’aqabeessa akka ta’u miira hundarraa hundaaf jedhuun dhaabbileen ittigaafatama fudhatanii abbummaan kan hojjetan ergama ijoo waloo ta’uu dubbataniiru.

Manni marichaa yaaliiwwan ijaarsa nageenyaa amma ammaatti hojjetaman qoratee kallattiiwwan fuulduraa rakkoolee hiikeef dandeessisan akka kaa’u ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015