Angoolaan Damee qonnaatiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu pirezidaant Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoo ibsan

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Angoolaan Damee qonnaatiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu pirezidaantiin biyyaattii Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoo ibsan.

Ambaasaaddar Firtuunaa Dibeekoo xalayaa muudamasaanii pirezidaantii rippaabiliikii Angoolaa Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoof dhiheessaniiru.

Itiyoophiyaan gama daldalaa, qonnaa, tuurizimii fi invastimantiin rippaabiliikii Angoolaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ambaasaaddar Firtuunaa ibsaniiru.

Pirezidaantichi gamasaaniin Itiyoophiyaan yeroo dhihoo asitti damee qonnaatiin bu’aa olaanaa galmeessisaa akka jirtu ibsanii, tumsaan hojjechuu akka barbaaddu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015