Fooramiin qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa beeksise Beejiingitti adeemsifame

Sadaasa 18/2016 (TOI)  - Fooramiin piroomooshinii tuurizimii i fi carraalee Itiyoophiyaa lammiilee Chaayinaaf  beeksisuuf kaayyeffate Beejiingitti adeemsifameera.

Dhaabbileen daawwachiiftotaa Chaayinaatti argamanii fi qooda fudhattoonni damee piroomooshinii tuurizimiirratti hojjetan fooramicharratti argamaniiru.

Ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa, oomishaalee fi carraalee invastimantii ilaalchisuun hirmaattotaaf ibsa taasisaniiru.

Xiyyeeffannoo addaa misooma damee tuurizimiif mootummaan Itiyoophiyaa kenne ilaalchisuunis cimsanii dubbataniiru.

Haala Kanaan oomishaalee fi tajaajiloota tuurizimii Itiyoophiyaan daawwattoota Chaayinaaf filatamaa ta’an babal’achaa akka jiran ibsanii, hawataalee Tuurizimii Itiyoophiyaa gosa hedduu  akka daawwatan waamicha taasisaniiru.

Foormii kana Chaayinaatti embaasii Itiyoophiyaa wayita ta’u, walitti hidhamiinsaa fi tumsa tuurizimii biyyoota lamaan jidduutti cimsuun akka barbaachisu ibsamuusaa odeeffannoon ministeera tuurizimiirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015