Baatiiwwan arfan bara bajataa kanatti galiin birriin biiliyoona 193 ol sassaabame

Sadaasa 18/2016 (TOI)- Baatiiwwan arfan bara bajataa kanatti galiin birriin biiliyoona 193 ol sassaabamuusaa ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee ibsan.

Ministirri galiiwwanii raawwii hojii baatii bara bajataa 2016 ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniinis rakkoon nageenyaa biyyattii iddoo tokko tokkotti mudate galii sassaabuuf gufuu ta’us dandeettiin galii sassaabuu jabaachaa dhufuu ibsaniiru.

Qophii karoora galiirraa kaasee amma sassaabuutti xiyyeeffannoo addaa kennamuu fi hojmaanni teeknooloojiin deeggarame waan diriirfameef galiin sassaabamu cimaa dhufuusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan bara bajatichaa baatiiwwan afuritti galiin birrii biiliyoona 196 ol sassaabuuf karoorfamee birrii biiliyoona 193 ol sassaabamuu ministirittiin ibsaniiru.

Galiin kun kan bardheengaddaan walcinaatti yemmuu ilaalamu birrii biiliyoona 30 akka caalu eeraniiru.

Baatii afuritti birrii biiliyoona 129 taaksii biyya keessaa, birrii biiliyoona 64 ol ammoo gumurukirraa sassaabamuusaa ministirittiin dubbataniiru.

Baatii afuritti birriin biiliyoona 165 ol ministeera maallaqaaf dabarfamuus ibsaniiru.

Meeshaalee kontirobaandii biyyaa baafamanii fi biyya galfaman kan Birrii biiliyoona afurii olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu dubbataniiru.

Namoonni nagahee seeraan alaan bittaa fi gurgurtaa taasisan 312 qabamanii kanneen keessaa 258 akka adabaman taasifameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015