Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar  qophii haalduree guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaaluuf Jigjigaa dhaqan

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Af-yaa’iin mana maree federeeshinii  Aganyoo Tashaagar fi hooggantoonni olaanoo biroon qophii haalduree guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaaluuf Jigjigaa dhaqaniiru.

Turtiisaaniitiinis naannichi keessummoota simachuuf qophii taasisaa jiru hojii haalduree qorachuun hojii hafanirratti kallattii nikaa’a jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana maree federeeshiniirraa argame nimul’isa.

Ayyaanni saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaan mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan guddina biyyaaf” jedhuun nikbajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015