Naannoo Gaambeellaatti yaalii nageenya caalaa cimsuuf taasifamu hirmaannaan ummataa caalaatti cimuu qaba-komishinicha

Sadaasa 18/2016 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti yaalii nageenya caalaa cimsuuf taasifamu hirmaannaa fi deeggarsi ummataa caalaatti cimuu akka qabu koomishiniin poolisii naannichaa beeksise.

Komishinichi haala wayitaawaa naannichaa ilaalchisuun gaazexessitootaaf ibsa kenneera.

Komishinariin komishinii poolisii naannichaa komaandar Usmaan Ugaalaa ibsa kennaniin, naannichatti nageenya waaraa buusuun hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii jalqabaman akka milkaa’an hojjetamaa jira.

Ijarsa nageenyaa naannichatti hojjetamaniin rakkooleen nageenyaa turan dhabamanii nageenyi bu’uusaa dubbataniiru.

Haata’u malee miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko soba ololuun nageenya ummata naannichaa jeequuf socho’aa akka jiran komishinarichi ibsaniiru.

"Keessumaa gocha jidduu kana naannichatti hinraawwatamne akka raawwatame fakkeessuun ololli miidiyaa hawaasaan tamsaasan agarsiiftuu gocha farrummaasaaniiti” jedhaniiru.

Ummanni Odeeffannoo sobaa qaamolee nageenya naannichaa hinbarbaanneen tamsaafamaa jiruun osoo hinburjaaja’iin nageenya naannawichaaf waardiyyaa dhaabbachuu akka qabu komishinarichi hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015