Muuxannoon Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Misooma Industirii 20ffaa irratti qoodan Itoophiyaan akka fakkeenya jijjiiramaatti akka ilaalamtu taasiseera.

Sadaasa 18/2016 (TOI) -Muuxannoon Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Misooma Industirii 20ffaa irratti qoodan Itoophiyaan akka fakkeenya jijjiiramaatti akka ilaalamtu taasiseera jedhan ittigaafatamtuu pirees seekretaraatii Waajjira Ministira Muummee Billeenee Suyyuum

Turtii Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimad Veenaa - Oostiriyaa ilaalchisee hoggantuun Pirees Sekreetariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billeenee Suyyuum ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad turtiin isaanii Veyeena-Oostiriyaatti kaayyoo lama akka qabuu himanii; keessummaa kabajaa ta’uun dhihaatanii ergaa ijoo dabarsaniiru jedhaniiru.

Itoophiyaan hojiilee jijjiiramaa damee industirii keessatti hojjetee fi milkaa'ina argattee yaa'ii kanarratti muuxannoo ishee qooddeetti jedhaniiru

Itoophiyaa waggoota shanan darban gama imaammataatiin jijjiirama guddaa taasisuu yaa'icharratti Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad  dhiheessuu eeraniiru.

Haala invastimantii mijaawaa uumuun, dinagdee maakroo sirreessuu fi haaromsa dabalataa raawwachuudhaan damee industiriitiif haalli mijataan qophaa’uus yaa'icharratti ibsaniiru jedhaniiru.

Hojiiwwanii fi jijjiirama karaa maanufaakchariingii, qonnaa, TQO, albuudaa fi turizimii utubaawwan dinagdee dhalootan biyya keessaa ta’anii hojiirra oolaa akka jiran yaa'ii kanarratti muuxannoo qooduusaanii ibsaniiru.
 
Damee industirii ilaalchisees tarsiimoo fi imaammanni ittiin hojjetamaa jiru misooma magariisaa fi anniisaa haaromfamuu danda’u irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Gama hojii uumuunis lammiileen misooma biyya isaanii keessatti hirmaachuu fi hirmaannaan diinagdee qooda fudhattoota damee dhuunfaa cimsuu akka danda’uuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jiran yaa'icharratti dhiheesuun muuxannoo qoodaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Misooma Industirii Geerid Muulat hojii Itoophiyaan jijjiirama waggoota 5n darban keesaatti hojjetee akka fakkenyaatti eeraniiru jedhaniiru.

Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti damee qonnaatiin omishni dachaa sadii dabaluu agarsiiftee jirti, kunis wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii qabatamaa ta’uu ibsaniiru.

 Hojiin lammiilee fayyadamoo taasisuu fi damee industirii irraa sharafa alaa dabalataa argachuuf hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015