Yaa’iin barnootaa 32ffaan magaalaa Jigjigaatti jalqabame

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Yaa’iin barnootaa 32ffaannaannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti jalqabameera.

Yaa’iin kun mata duree “qulqullinni barnootaa guddina wa hundaaf” jedhuun har’aa kaasee guyyoota lamaaf adeemsifama.

Kaayoon yaa’ii kanaa milkaa’inoona damee barnootaan argaman itti fufsiisuu, qormaata mudataniif furmaata barbaaduu akkasumas kallattii fuulduraa kaa’uu akka ta’e ibsameera.

Qaamoleen dhaabbilee barnootaa olaanoo fi damee barnootaa waliigalaarra jiran muuxannoo waljijjiiru.

Rakkoolee qabxii qormaataa kutaa 12 irratti mudatee fi kallaattii fuulduraarratti ibsi kennamee mariin nitaasifama jedhameera.

Raawwii qormaata bahiinsaa fi kallattii fuulduraarratti  akkasumas misoomaa fi bulchiinsa barsiisotaa ilaalchisuunis mariin nitaasifama.

Ministira barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa, itti aanaan bulchaa bulchiinsa naannoo Somaalee Ibraahiim Usmaan pirezidaantonni dhaabbilee barnoota olaanaa, hooggantoonni biiroo barnootaa naannolee qaamoleen qoodafudhattoota damee barnootaa fi kanneen biroo yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015