Yuunivarsiitiiwwan 9 waggoota lamaan dhufanitti akka ofdanda’an hojjetamaa jira-ministeera barnootaa

Sadaasa 17/2016(TOI) - Yuunivarsiitiiwwan 9 waggoota lamaan dhufanitti akkaataa ergamaa fi damee xiyyeeffannoosaaniitiin akka ofdanda’an gochuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerri barnootaa ibse.

De’eetaan ministira barnootaa obbo Koraa Xushnee baniinsa waltajjii yaa’ii barnootaa 32ffaan duraarratti dhaabbileen barnootaa barnoota qulqullina qabu dhiheessuu akka qaban himaniiru.

Lammii sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojii dorgomaa ta’e fayyadamu, kan qoratuu fi naamusaan guutame uumuun akka irraa eegamu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru.

Kaayoon yaa’ii kanaa milkaa’inoota damee barnootaa olaanaan argaman, qormaatilee fi kallattiiwwan fuulduraa irratti mari’achuun tarkaanfiiwwan sirreessaa fi jijjiiramaa irratti hubannoo fi ejjennoo waloo qabachuuf akka ta’e eeraniiru.

Itti fufuunis waggoota lamaan dhufan Yuunivarsiitiiwwan 9 akka ofdanda’an gochuuf hojjetamaa jira jechuusaanii odeeffannoon ministira barnootaarraa argame nimul’isa.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa doktar Bashir Abdullaahii gamasaaniin, Yuunivarsiitichi Yuunivarsiitii Appilaayidiin damee ergamaa fi xiyyeeffannoo adda baasee qabeenya uumamaa, misooma beelladaa fi horsiisee bulaa, wabii nyaataa akkasumas dameelee biizinasii fi Ikonoomiiksiin hojjchaa akka jiru dubbataniiru.

Yaa’ii damee misooma barnootaa olaanaan cinaatti eeggataan  pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eei Kiflee fi pirezidaantii Yuunivarsiitii Dabrabiraan doktar Nugus Taaddasaan mata duree abdii fi qormaanni barumsa olaanaa maal ta’uu qaba akkasumas cehumsa qabatamaa appilaayid Yuunivarsiitii jedhaniin barreeffamoonni dhihaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015