Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota haaraa simachaa jira

Sadaasa 17/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota haaraa bara barnootaa 2016’f kuma 2 fi 700 simachaa jira.

Yuunivarsiitichi Mooraa muummee Naqamteen alatti kaampaasiiwwansaa Gimbii fi Shaanbuuttis barattoota simachaa jira.

Itti’aanaan pirezidaantii damee bulchiinsaa Yuunivarsiitii Wallaggaa doktar Kabbadaa Namoomsaa, “qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffa darbitanii barnoota olaanaattinmakamuu keessanitti baga gammaddan” jedhan barattootaan.

Barattoonni turtii Yuunivarsiitiitti qabaniin barnootasaaniirratti xiyyeeffatanii kaayyoo manaa bahaniif milkeessuuf akka baratan ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi barana kaampaasii sadanittuu barattoota haaraa kuma 2 fi 700 simatee akka barsiisu ibsanii, qulqullina barnootaa eegsisuuf xiyyeeffannoon kennameefii nihojjetama jedha.

Bakka bu’aan bulchiinsa magaalaa Naqamtee obbo Ashannaafii Kabbadaa gamasaaniin, jiraataan magaalichaa barattoota maatii ta’ee akka kunuunsu dubbatanii, barattoonnis tasgabbaahanii barumsasaanii akka hordofan himaniiru.

Barattoota haaraa ramadaan keessaa Barataa Yohaannis Kumarraa akka jedhetti gorsa barattoota isaan dursanii fi barsiisotaan kennameef fudhachuun barnootarratti xiyyeeffachuuf qophaa’uusaa ibseera.

Barattuu Taliilee Tasfaayee gamasheetiin, turtii koo kaampaasiitiin sirnaan sa’aatiitti fayyadamee barashee qabxii gaarii fiduuf karoorfadheera jette.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015