Biyyoonni hojiirra oolmaa misooma Industirii egeree hammataa ta’eef  akka hojjetan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad waamicha taasisan

Sadaasa 17/2016 (TOI)- Biyyoonni hojiirra oolmaa misooma Industirii egeree hammataa ta’eef  akka hojjetan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii dhaabbata industirii dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti waamicha taasisan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii dhaabbata industirii mootummoota gamtoomanoo 20ffaa irratti akka keessummaa kabajaatti haasawa ijoo taasisaniin jijjiirama imaammataa Itiyoophiyaa waggoota shaman darbanii, invastimantii damee heddumminaatiin guddina taasifame,   xiyyeeffannoon misooma magariisaa fi madda anniisaa qulqulluuf  kenname akkasumas xiyyeeffannii hojiimisooma hawaasummaaf kenname kaasaniiru.

Kanarratti hundaa’uun misooma Industirii egeree hunda hammateef waamicha dhiheessaniiru jedha odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015