Baadiyyaa daandii muummee waliin walitti baasuun hawaasa baadiyyaa akka fayyadamu taasifameera

Sadaasa 17/2016 (TOI)- Baadiyyaa daandii muummee waliin walitti baasuun hawaasa baadiyyaa akka fayyadamu taasisuusaa ministeerri magaalaa fi misooma bu’uraa ibse.

Waltajjiin maree mata duree “walitti hidhamiinsii fi qaqqabiinsi  daandii baadiyyaa sagantaa wabii nyaataaf” jedhuun qophaa’e Finfinneetti taa’amaa jira.

Hooggantoonni federaalaa fi naannolee damichaa,dhaabbileen tumsitootaa fi keessummoonni waamaman waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaatti bu’uurri misoomaa daandii bakka bara 1989 ture kiiloomeetira kuma 26 irraa yeroo ammaa kiiloomeetira kuma 162 irra akka gahe kaafameera.

Kun ammoo hawaasa baadiyyaa daandii muummeen walitti baasuuf hojii hojjetameen daandiin baadiyyaa yeroo ammaa harka 67 irra gaheera jedhameera.

De’eetaa ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa Injiinar Wandimmuu Seettaa, mootummaan misooma bu’uraa daandiif xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan waggoota darban baadiyyaa kiiloomeetira kuma 60 daandii muummeen walitti baasuun hojjetamee jireenya namootaarratti bu’aan qabatamaan argameera jedhan.

Haata’u malee ammas hojiileen hedduun hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015