Godina jimmaatti asiidawummaa biyyoo ittisuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira

Sadaasa 17/2016(TOI)- Godina jimmaatti asiidawummaa biyyoo ittisuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.

Rakkoo biyyoo asiidawaa furuuf teeknooloojiiwwan addaddaa fayyadamuun lafa asiidiirraa baasuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.

Xaa’ummaa biyyoo fooyyessuuf keessumaa rakkoo biyyoo asiidawaa furuuf ministeerri qonnaa qooda fudhattoota dhimmi ilaaluu fi dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin qindaa’uun hojjechaa jira.

Biyya keenyatti iddoowwan biyyoo asiidawaan miidhaman keessaa godinni Jimmaa isa tokko akka ta’ee fi lafti harka 47 asiidawummaa biyyoon kan miidhame ta’uu waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee xaa’ummaa byyoo fi fooyyessaa obbo Nuuraddiin Jamaal dubbataniiru.

Godinichatti lafa asiidawaa adda baasuun teeknooloojiiwwan nooraa, Vermii Koompoost akkasumas tooftaa qonnaa qoqqobuu fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultootaaf leenjii ogummaa kennuun xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Bara oomishaa kanatti akka godina Jimmaatti vermi kompoostii kuntaala kuma 318 ol oomishuuf karootfamee yeroo ammaa karooraa ol harka 60 oomishuun akka danda’ame obbo Nuuraddiin himaniiru.

Waajjirri qonnaa godinichaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin ta’uun itti fayyadama verm koompoost ilaalchisuun leenjii kennameen oomisha Kanaan dura argatan caalaa akka argatan qonnaan bulaan aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Buraa Wulaawakeetti argaman dubbachuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015