Yaa’ii barnootaa 32ffaaf mariin yaa’iin duraa magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii barnootaa 32ffaaf mariin yaa’iin duraa magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira

Sadaasa 17/2016(TOI)- Yaa’ii barnootaa 32ffaaf mariin yaa’iin duraa magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira.
Yaa’iin kun mata duree “qulqullinni barnootaa guddina hundaaf” jedhuun boruu fi Iftaan magaalaa Jigjigaatti ni’adeemsifama.
Guyyaa har’aa dhaabbilee barumsa olaanaa fi barumsa waliigalaarratti mariin taasifamaa jira.
Guyyaa har’aa garee lamaaniin barreeffamoonni qorannoo barumsa olaanaa ilaallatan addaddaa, gabaasni raawwii damee barnootaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa, muuxannoowwan gaarii dhihaatanii mariin nitaasifama jedhameera.
Eeggataan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eel Kiflee marii dhaabbilee barnootaa olaanoorratti mata suree abdii qormaata yuunivarsiitiiwwanii jedhanirratti barreeffama dhiheessaniiru.
Haala Kanaan ofiin ofbulchuun walabummaa akkaadaamiikii, walabummaa qabeenyaa, walabummaa bulchiinsaa fi walabummaa dhaabbataa ittigaafatama waliin nikennaaf.
Kana fayyadamuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun nibarbaachisa jedhan.
Naannoo Somaaleetti qaqqabiinsa barnootaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru eerameera.
Naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaan qaamolee hundaa akka barbaachisu ibsameera.
Hojiilee bu’a qabeessa itti fufsiisuun qormaatota barnootarratti gufuu ta’anirratti mari’achuun furmaata waloo kaa’uuf yaa’ichi nigargaara jedhameera.
Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa, pirezidaantonni Yuunivarsiitii, hooggantoonni damee barnootaa naannolee fi qoodafudhattoota dabalatee kanneen biroos marii yaa’iin duraa kanarratti hirmaachaa jiru.