Industiriin sibiila oomishu tumsa Itiyoophiyaa fi Chaayinaatiin birrii biiliyoona 6’n magaalaa Maqaleetti ijaaramuufi

Sadaasa 17/2016(TOI)- Industiriin sibiila oomishu tumsa Itiyoophiyaa fi Chaayinaatiin birrii biiliyoona 6’n magaalaa Maqaleetti ijaaramuufi.

Warshichi baatii kudhan  keessatti kan xumuramu yemmuu ta’u, sagantaan jalqabsiisaa har’a taasifameera.

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa saganticharratti akka jedhanitti, waldaan dhuunfaa sibiilaa Lejend ittigaafatamnisaa murtaa’e dargaggoota hedduuf carraa hojii waan uumuuf deeggarsi barbaachisu nitaasifamaaf jedhaniiru.

Dureeyyiin dhuunfaa fi waldaan gurmaa’an biroon fakkeenya pirojektii kanaa hordofuun ofis biyyas akka fayyadan ergaa dabarsaniiru.

Industiriin sibiila oomishu kun harki 75 kan dureessa Itiyoophiyaa Injiinar Yaareed Tasfaayi yemmuu ta’u, harki 25 kan dureessa Chaayinaa Mister Lii Yoon ta’uusaa qindeessaan pirojektichaa obbo Saamsoon Gabramadiin ibsaniiru.

Industiriin sibiilaa Lejend namoota kuma 6’f carraa hojii akka uumu dubbataniiru.

Kantiibaan magaalaa Maqalee Yitbaarak Ammahaa gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa industirii sibiilaa Lejendiif deeggarsa barbaachisu akka taasisu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015