Obbo Balaayinee Kindee warshaa biddeenaa Lammiif konkolaattoa sadii kennan - ENA Afaan Oromoo
Obbo Balaayinee Kindee warshaa biddeenaa Lammiif konkolaattoa sadii kennan

Sadaasa 17/2016 (TOI) – Obbo Balaayinee Kindee hojjettoota warshaa biddeenaa Lammiif tajaajila geejjibaaf kan oolu konkolaattoa jiddugaleessaa sadii kennan.
Obbo Balaayinee Kindee deeggarsa kana kantiibaa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebeef dabarsaniiru.
Kantiibaa adaanech fuula marsariitiisaaniirratti ergaa dabarsaniin “warshaan biddeenaa Lammii humna guutuun oomishuu akka danda’u yaalii taasisaa jirruun haadholii warshicha keessa hojjetan geejjibsiisuuf akka oolu obbo Balaayinee Kindee kennaa konkolaattota jiddugaleessaa sadii taasisaniif nangalateeffadha” jedhaniiru.