Dhaabbilee Barnootaa olaanootti bilisummaan akkaadaamii qulqullina barnoota eegsisuuf carraa gaarii kan uumudha - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbilee Barnootaa olaanootti bilisummaan akkaadaamii qulqullina barnoota eegsisuuf carraa gaarii kan uumudha

Sadaasa 14/2016(TOI) - Dhaabbilee Barnootaa olaanootti bilisummaan akkaadaamii qulqullina barnoota fi qorannoo eegsisuuf carraa gaarii kan uumu ta'u eeggataan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu'eel Kifilee himan.
Yuunivarsiitii Finfinneetti "Dhaabbilee Barnootaa olaanootti bilisummaa akkaadaamii" mata duree jedhuun waltajjiin marii geggeeffama jira.
Waltajjicharratti ministirri barnootaa fi Chaansilarri Yuunivarsiitii Finfinnee pirofesar Biraanuu Naggaa eeggata pirezidaantii yuunivarsiitichaa Dr. Saamu'eel Kifilee akkasuma hoggantoonni hojii mootummaa fi hoggantoonni yuunivarsiitichaa biroon argamaniiru.
Eeggatan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu'eel Kifilee waltajjicharratti akka himanitti mootummaan damee barnootaa fi leenjiirratti hojii fooyya'insaa hedduu hojjechaa jira.
Yuunivarsiitiin Finfinnee danbii mana maree ministirootaa lakk. 537/2023 Yuunivarsiitii ofiin of bulchu isa jalqabaa ta'uu yaadachiisaniiru.
Kunis carraa addaa fi bilisummaa akkaadaamiif bu'uura kan ta'udha jedhaniiru.
Bilisummaan Akkaadaamii yuunivarsiitiiwwan fedhii dinagdee fi filannoo baratoota isaaniirratti hundaa'uun sagantaa akkaadaamii isaanii akka filatan kan gargaarudha jedhaniiru.
Milkaa'ina qulqullina barnootaa fi qorannoo cimsuuf carra addaa kan uumu ta'uus himaniiru.