Ummata dhaggeeffachuu fi yaada ummatarraa fudhachuun milkaa’ina hojii keenyaaf murteessaadha-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Sadaasa 16/2016(TOI)- Ummata dhaggeeffachuu fi yaada ummatarraa fudhachuun milkaa’ina hojii keenyaaf murteessaadha jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Hojiilee rawwii hojiitiin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman irratti fi haala bara 2016 walitti dhufeenyaan hojjechuun danda’anurratti kutaalee magaalaa 11 keessatti jiraattota waliin mari’atamuu eeraniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee barreeffama fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin “mariin jiraattota kutaa magaalaa Boolee waliin taasiseen walta’uun hojjechuun bu’aa magaalaa keenya jiraattotaaf mijataa taasisuuf arganneen cimsinee ittifufsiisuuf waliigalleerra” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015