Dhaabbileen qulqullina jiddugaleessa hojiisaanii gochuu qabu-pirezidaanti Saahilewarq Zawudee


Sadaasa 16/2016 (TOI) –Dhaabbilen qulqullina jiddugaleessa hojiisaanii godhachuun akka qaban pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee waamicha taasisan.

Sirni badhaasa qulqullinaa biyyaalessaa marsaa 10ffaa dhaabbanni qulqullinaa Itiyoophiyaabqopheesse kaleessa galgala masaraa mootummaatti adeemsifameera.

Dhaabbileen 38 dorgommii Kanaan raawwii caalmaa galmeessisan badhaafamaniiru.

Pirezidaantiin RDFI fieegduun olaanaa dhaabbatichaa Saahilawarq Zawudee dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamaman sagantaa kanarratti argamaniiru.

Pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee wayita kana, dhaabbileen qulqullina jiddugaleessa hojiisaanii godhachuun hojjechuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Istaandardii kaa’ame walii dorgomanii qulqullina oomishaa fi tajaajilasaanii eegsisuurratti  xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru.

Dhaabbileen har’a badhaafaman qulqullina mirkaneessuuf cimanii ittifufuu akka qaban aamicha taasisaniiru.

Walitti qabaan boordii dhaabbata badhaasa qulqullinaa Itiyoophiyaa  pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’el Kiflee gamasaaniin, badhaafni waggaa waggaan adeemsisu humna dhaabbilee gabbisuuf kan kaayyeffatedha.

Kanaaf dhaabbileen dorgommichaan muuxannoo, yaada kennamuuf karoorasaanii keessa galchuun fi hojmaata dhaabbatummaa buusuun adda baaftuu baratti cehu uumuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Kana cinaattis, ciminasaanii ittifufsiisuu kan fooyya’uu qabu fooyyessuun qulqullina mirkaneessuun guddina biyyaaf qoodasaanii bahuu akka qaban waamicha dhiheessaiiru.

Hojii raawwachiisaa muummee korporeeshinii hojiiwwan konistiraakshinii Injiinar Yoonaas Ayyaaloo, rakkoolee qulqullinaa gama konistiraakshiniin ka’an xiqqeessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Kana cinaattis hanqinni galtee dame kanaa akka hinmudanne dhaabbilee addaddaa waliin ta’uun qaqqabummaa dhiheessii galtee konistiraakshinii cimsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qulqullina eegsisuun ojii dhaabbata tokkoo qofa waan hintaaneef qaamni hundi itti hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Dhaabbanni badhaasa qulqullinaa Itiyoophiyaa oomishtoota, tajaajila kennitootaa fi dhaabbilee dame konistiraakshinii dorgomsiisuun beekamtii fi badhaasa nikenna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015