Naannoo Oromiyaatti sochii daldala seeraan alaa ittisuuf qooda fudhattoonni qoodasaanii bahuu qabu

Sadaasa 15/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti sochii daldala seeraan alaa ittisuuf qooda fudhattoonni qoodasaanii bahuu akka qaban biiroon daldalaa naannichaa gaafate.

Manni maree daldalaa fi waldaalee dame Oromiyaa waltajjii muuxannoo walii qoodu 12ffaa magaalaa Bishooftuutti adeemsiseera.

Ittigaafatamtuun Biiroo daldalaa naannichaa adde Masarat Asaffaa, sababa sochii daldalaa seeraan alaa naannicha keessatti adeemsifamaa jiruutiin oomishaaleerratti gatii dabalaa dhufuu eeraniiru.

Sochii dalalaa seeraan alaa to’annoo fi hordoffii biiroo daldalaan qofa maqsuun waan hindanda’amneef hirmaannaa qaamolee hundaa barbaada jedhan.

Keessumaa manni maree daldalaa fi waldaalee dame naannichaa miseensota hawaasa daldalaa hedduu ofjalatti waan qabateef sochii daldalaa seeraan alaa dhaabsisuuf yaalii taasifamu deeggaruu qaba jedhaniiru.

Hawaasni daldalaas guddina fiduu kan danda’u sirni daldalaa seera qabeessaa wayita jiraatu ta’uu hubatee gocha seeraan alaarraa ofqusachuu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin mana maree daldalaa fi waldaalee damee obbo Sabsib Abbaafiraa gamasaaniin guddina dinagdee biyya tokkoof hirmaannaan dame dhuunfaa ga’ee olaanaa qaba jedha,

Kanaaf ammo hawaasni daldalaa karaa waldaalee ashaaraasaa kaa’uu wayita danda’u ta’uu ibsanii, manneen maree akka baraatti gaggeeffamuu qqabu jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, magaalaa Bishooftuu daldalaa fi Invastimantiif mijattuu gochuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Manni maree daldalaa fi waldaalee dame magaalaa Bishooftuu daldaltoota kuma 25 ofjalatti qabatee daldaltoota jajjabeessa jira jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa fuulduras rakkoolee gama daldalaan jiran furuun tajaajila fooyya’aa kennuuf kutannoon akka hojjetu ibsaniiru.

Manni maree daldalaa fi waldaalee dame akka dhaabbata hawaasa siviilii tokkootti dame dhuunfaa bakka bu’uu qaba kan jedhan ammo ittigaafatamaa waajjira pirezidaantii naannichaa obbo Abdul’aziiz Daawudi.

Kanaaf waldaaleen kunneen keeessumaa dame dhuunfaa fi mootummaa walitti fiduun jijjiirama fooyyee fiduuf qooda olaanaa bahuu qabu jedhaniiru.

Xumura muuxannoo waliiqooduu kanarratti waltajjii muuxannoo walii qooduu 13ffaa akka qopheessu magaalaan Shaggar filatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015